(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 3,2009) Manni murtii Wayyaanee Oromoota raga qabatamaan alatti murtii dharaa irratti murteessuu dhaan maatii diiguu fi lammiiwwan Oromoo gaaga’uu itti fufee akka jiru odeessi Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee nu dhaqqabe addeesse.
Manni Murtii ol aanaa Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee murtii Sadaasa 20, 2009 kenneen maatii Obbo Tasammaa Dayyaas ilmaan isaanii sadii waliin ragaa qabatamaan alatti hidhaa waggaaa dheeraa itti murteessuu oduun nu dhaqqabe kun hubachiiseera.
Murtii dabaa fi haqa qabeessa hin taane kanaan Obbo Tasammaa Dayyaas hidhaa waggaa 5, barataa Gurmeessaa Tasammaa hidhaa waggaa 16, barataa Gaaddisaa Tasammaa hidhaa waggaa 12 fi barataa Hirkoo Tasammaa hidhaan umrii guutuun akka adabaman murtiin diinummaa irratti darbee jira.
Sababni murtiin kun maatii Oromoo kana irratti darbeef akeeka siyaasaa kan of keessaa qabu tahuu kanneen dhimma kana dhiheenyaan hordofan ni hubachiisu.
Godina Shawaa Lixaa Ona Miidaa Qanyii ganda Tuujii jedhamutti ammoo wayyaanotni barataa kutaa 11ffaa Leencoo Gizaachoo jedhamu dharaan ati ergamaa ABO ti; waraqaa isaa raabsita jedhanii mana inni keessa jiraatuu halkan ukkaamsanii hidhaatti erga darbanii booda, hidhaa baatii 6 irratti akka murteessan maddeen keenya ifa godhaniiru.
Oduuma wal fakkaatuun Godinuma Shawaa Lixaa Ona Jalduu keessatti barattootni Oromoo 14 himannaan sobaa irratti dhihaatee hidhaa keessatti dararamaa akka jiran barameera. Barattootni Lammii Xaafaa, Katamaa Badhaanee, Haayluu Goobanaa fi Kabbee Xaafaa jedhaman warra hidhame keessatti argaman.
Gama biraan mana barumsaa sad.2ffaa Jalduu irraa ammoo barattootni Gonfaa Dalasaa, Siisaay Hubataa, Girmaa Birrii fi Abbabaa Fayyisaa kan jedhaman deggertoota ABO ti, adeemsa filmaataa jeequu fi barattoota fincilaaf kakaasuuf qophooftan ittiin jechuun wayyaanotni barmoota irraa akka ari’an gabaafameera.
MOA |